Friday 13 July 2012

      Duraan dursee nagaan koo kan oromummaa bakka jirtan hundatti qilleensa irraan isin haa qaqqabu kabajamtoota,jaalatamtoota,sabboontota ilmaan oromoo akkam jirtu jedhee nagaa koo ergan isinitti dhaammadhee booddee nagaa kiyya gabaabduu kanatti aansee waantin jechuu barbaadu asiin gaditti argama.sunis:-
     Sunis akkuman ammaan dura isin beeksisuuf tattaafachaa turetti garee yeroo dhiyoo keessa huumamte maqaan ishee ***Daandii Bilisummaa Haqaa***kan jedhamu yommuu ta'u faayidaa ykn bu'aan inni qabu gaarii ta'uu hin oolu jedhamee erga itti yaadamee booddee hojjatamee qasaawota fii sabboontota ilmaan oromoo hunda akka qaqqabu dirqama ta'uu irraa kan ka'een akkuma karoorfametti hojii isaa jalqabuuf tattaaffii guddaa irra jiraachuu isaa isin hubachiisuun barbaada.
       Akkuma beekamutti Daandii bilisummaa haqaa kun asuma oromiyaa keessatti kan maadheffate yommuu ta'u naannoolee oromiyaa hunda keessatti hojii isaa kan jalqabee fii biyyota alaa keessatti hidhata kan huummate fii dhaabolii oromoo hunda wajjinillee hidhata tokkoon hojii jalqabee jiraachuu isaas itti dabalee isin beeksisuun barbaada.Egaa marsaa barreeffama kanaa irratti hirmaachudhaan humna tokko taanee mirga abbaa biyyummaa keenyaa kan lammii xiqqoodhan sarbamne haa falmannu kan jedhuu fii biyyuma keenya kan itti dhalanne irratti lammii lammaffaa taanee jiraachuu fii lammiidhuma lammaffaa sanallee taanee jiraachuu dadhabuudhan oromootni miliyonatti lakkaawaman biyyota ollaa fii biyyota addunyaa hunda keessa akka allaattii alkan kaatee bakka qubattu dhabdeetti addaan bittinnaawanii jiraachaa kan jiran yommuu ta'u haala kana kan sababa ta'e tokkummaa dhabuu fii wal amantaan nu jidduttii mirkanaawuu dhabuu irraa kan ka'een rakkoon kun guutun nu mudatee jira.
      Egaa haaluma kanaan wal qabatee qabsoon oromoo yeroo ammaa kana bifa isaa gara bilisummaatti jijjiirratee hojjatamaa kan jiruu fii fuula duraaf abdii guddaan biqilaa dufaa akka jirus beekamaadha.haala kanaan wal qabatee yeroo ammaa kana naannoolee oromiyaa hunda keessatti haalli jiru kan fooyya'aa dhufee fii galma gahuun isaas mamsiisaa kan hin taane akkasumatti iccitiin jirus guduunfaminaan hojjatamaa jiraachuu isaa isiniif mirkaneessun barbaada.

No comments:

Post a Comment